Ministirri
Muummee UK bulchiinsa Filisxeemiif beekamtii kennuu ifatti beeksisan.
''Gidiraa
Giddugala Bahaatti adeemaa jiruun, nagaafi furmaaati biyya lamaatti lubbuu
horuuf dalagaa jirra,'' jechuun Kiir Istaarmar dubbatan.
Yeroon Filisxeem beekkamtii kennan ''dhaqqabeera'' jedhan.
''Akka ministirra muummee biyya gyddii kanaatti Yunaayitid
Kingidam ifatti bulchiinsa Filisxeemiif beekkamtii kenniti,'' jechuun dubbatan.
Adeemsa kana Israa'el jalqabumaa mormaa turte. Adeemsi kuni Hamaas
''badhaasuudha'' jechuun Ministirri Muummee Israa'el dubbatanii turan.
Istaarmar garuu ''biyyi lama haa jiraatu waamicha gochuun faallaa
mul'ata jibbaa [Hamaas],'' dhaabachuudha jedhan.
''Furmaatni kuni Hamaasiif badhaasa miti,'' jechuun Hamaas
mootummaafi nageenya keessatti qooda homaatuu hin qabaatu jedhan.

No comments:
Post a Comment