Sudaanitti haleellaa diroonii Masjiida irratti
raawwatameen 78 ajjeefaman
Sudaan bulchiisna Daarfuur keessatti
haleellaa diroonii Masjiida irratti raawwatameen yoo xinnaate namoonni 78
ajjeefamuu maddi wallaansa fayyaa onaanoon tokko BBCtti himan.
Haleellaan guyyaa Jimaata har'aa magaalaa
el-Faashar keessatti raawwatame kanaaf himannaan Humnoota Deeggarsa Saffiisaa
(RSF) irratti kan dhiyaate yoo ta'u, garichi garuu itti gaafatamummaa hin
fudhanne.
RSF fi waraanni biyyattii erga wal
waraanuu eegalanii amma waggaa lamaa ol lakkoofsiiseera.
Gareen RSF wayita magaalaa el-Faashar
guutummaan to'achuuf waraana gaggeessaa jiran kanatti eddoowwan dabalataa
qabataa jiraachuun himameera.
Magaalaan kunis waraana biyyattiitiif
Daarfuur keessatti bakka itti deeggara cimaa qabuufi bakka lammiileen nagaa
300,000 ol sababii waraanaatiin itti danqamaniidha.
Jiraatoonni tokko BBCtti akka himeetti
haleellaa sa'aatii salaataatti raawwatameen battalumatti namoota hedduu
ajjeesse.
Maddi wallaansa fayyaa tokkoo ammoo
namoonni 78 ajjeeffamanii 20 miidhaaan irra gahuu dubbachuun, ammalleen reeffa
jijjigaa gamoo jalaa baafamaa jiraachuu dabaluun himan.
BBC Verify ammoo suuraa reeffa namoota 30
uffataan maramee dhiheenya masjiidichaa kan lixa magaalatiitti argamu
mirkanneeffachu danda'eera.
RSF torban kana haleellaa El-Faashar kan
waggaadhaan oliif marsee ture irratti akka haaraatti haleellaa bane.
Gabaasaaleenis haleellaan kunis kaampii bakka ummanni buqqa'e keessa dahatu Abu
Shouk dabalate akka raawwatamu himan.
Akka Yunivarsitiin Yaaleetti
Laaboraatoorii Qorannoo Namoomaa (HRL) kan waraanaa to'atuutti, suuraaleen
saataalaayiti gareen RSF amma kaampp irra caalaa akka to'ate akka agarsiisu.
Akka kutaa kanaatti suuraaleen
saatalaayitii akkasumas Waajira Mummee Humna Walii, kan gareewwan hidhaattoota
waraanaa Sudaan waliin hiriiranii seeneera.
Waajirri mummeen kunis dallaa UN duraanii
keessatti kan argamu yoo ta'u, innis sarara murteessaa ittiisaa akka ta'etti
yaadama ture.
BBC Verify suuraalee loltoonni RSF gamoo
sana keessa jiraachuu agarsiisuu kan mirkanneesse yoo ta'u, garuu guutummaan
to'achuufi hiisuun ifa miti.
Gareen kun tobana cimaa dhufuun isaanii
buufata xiyyaara el-Faashar fi waajira mummee kutaa waraanaa akka kallattiin
haleellaa RFS keessa galu taasisan.
Akka Laaboraatorii Qorannoo Namoomaa
kanatti waraanni biyyatti deebiisee yoo humnasaa hin cimfanne magaalaan
el-Faashar harka RSF galu dandeessi.
Gabaasni
kan BBC ti
2025 Gursum Post