Netaaniyaahuun waayee beekamtii michootnisaanii Filisxeemiif kennanii maal jedhu? ๐ฏ๐ด๐ฏ๐ด๐ฏ๐ด
Ministirri Muummee Israa'el Benjaamiin Netaaniyaahuu biyyummaa Filisxeemiif beekamtii kennuun ''shororkeessummaaf jajjabeessituu guddaadha'' jedhan.
Poorchugaal UK, Kaanaadaa fi Awustiraaliyaatti dabalamtee Filisxeemiif beekamtii kennuu booda viidiyoo miidiyaa hawaasaa gubbaa gadhiisaniin biyyummaan Filisxeem ''dhugaa hin ta'u'' jedhan.
''Lixa laga Yoordaanositti biyyi Filisxeem hin hundeeffamu'' kan jedhan Netaaniyaahuun, Weesti Baankitti qubsumni Yihuudotaa jabaatee akka itti fufu dubbatan.
Yaa'ii Dhaabbata Biyyoota Gamtoomanii dura isa biyyootni beekamtii kennuutti jiraniif deebii akka kennaniifi gochichi Israa'el irratti ''biyya shororkeessituu ijaaruuf yaaluudha'' jedhan.
๐
๐
๐
๐
๐
๐
๐
๐
๐
๐
๐
No comments:
Post a Comment