Friday, September 19, 2025

Sudaanitti haleellaa diroonii Masjiida irratti raawwatameen 78 ajjeefaman

Sudaanitti haleellaa diroonii Masjiida irratti raawwatameen 78 ajjeefaman

 

 


Sudaan bulchiisna Daarfuur keessatti haleellaa diroonii Masjiida irratti raawwatameen yoo xinnaate namoonni 78 ajjeefamuu maddi wallaansa fayyaa onaanoon tokko BBCtti himan.

Haleellaan guyyaa Jimaata har'aa magaalaa el-Faashar keessatti raawwatame kanaaf himannaan Humnoota Deeggarsa Saffiisaa (RSF) irratti kan dhiyaate yoo ta'u, garichi garuu itti gaafatamummaa hin fudhanne.                                                                                                

RSF fi waraanni biyyattii erga wal waraanuu eegalanii amma waggaa lamaa ol lakkoofsiiseera.

Gareen RSF wayita magaalaa el-Faashar guutummaan to'achuuf waraana gaggeessaa jiran kanatti eddoowwan dabalataa qabataa jiraachuun himameera.                                                   

Magaalaan kunis waraana biyyattiitiif Daarfuur keessatti bakka itti deeggara cimaa qabuufi bakka lammiileen nagaa 300,000 ol sababii waraanaatiin itti danqamaniidha.                        

Jiraatoonni tokko BBCtti akka himeetti haleellaa sa'aatii salaataatti raawwatameen            battalumatti namoota hedduu ajjeesse.                                                                                                      

Maddi wallaansa fayyaa tokkoo ammoo namoonni 78 ajjeeffamanii 20 miidhaaan irra gahuu dubbachuun, ammalleen reeffa jijjigaa gamoo jalaa baafamaa jiraachuu dabaluun himan.

BBC Verify ammoo suuraa reeffa namoota 30 uffataan maramee dhiheenya masjiidichaa kan lixa magaalatiitti argamu mirkanneeffachu danda'eera.                                                             

RSF torban kana haleellaa El-Faashar kan waggaadhaan oliif marsee ture irratti akka haaraatti haleellaa bane. Gabaasaaleenis haleellaan kunis kaampii bakka ummanni buqqa'e keessa dahatu Abu Shouk dabalate akka raawwatamu himan.                                                              

Akka Yunivarsitiin Yaaleetti Laaboraatoorii Qorannoo Namoomaa (HRL) kan waraanaa to'atuutti, suuraaleen saataalaayiti gareen RSF amma kaampp irra caalaa akka to'ate akka agarsiisu.                                                                                                                                                    

Akka kutaa kanaatti suuraaleen saatalaayitii akkasumas Waajira Mummee Humna Walii, kan gareewwan hidhaattoota waraanaa Sudaan waliin hiriiranii seeneera.                               

Waajirri mummeen kunis dallaa UN duraanii keessatti kan argamu yoo ta'u, innis sarara murteessaa ittiisaa akka ta'etti yaadama ture.                                                                                       

BBC Verify suuraalee loltoonni RSF gamoo sana keessa jiraachuu agarsiisuu kan mirkanneesse yoo ta'u, garuu guutummaan to'achuufi hiisuun ifa miti.

Gareen kun tobana cimaa dhufuun isaanii buufata xiyyaara el-Faashar fi waajira mummee kutaa waraanaa akka kallattiin haleellaa RFS keessa galu taasisan.

Akka Laaboraatorii Qorannoo Namoomaa kanatti waraanni biyyatti deebiisee yoo humnasaa hin cimfanne magaalaan el-Faashar harka RSF galu dandeessi.

 

Gabaasni kan BBC ti



2025 Gursum Post

1 comment:

Ahmed Hussen said...

Rabbiin haa rahmatuf